Seera dhaabbii konkolaataa hatattamaa qorraa

Yeroo balaa qorraa akkamitti konkolaataa dhaabuu baradhu, tikkeettii fi harkisuu irraa fagaachuuf.

Haala Waliigalaa

Yeroo balaan qorraa balaa tasaa, seerri addaa konkolaataa dhaabuu hojiirra oola. Seerotni kun hojjettoonni Magaalaa daandii akka qotan hayyamu. Akkasumas konkolaattonni balaa tasaa fi tiraafikoonni biroo akka keessa darban ni taasisa.

Seera dhaabbii konkolaataa kan guyya guyyaa

Guyyaa 1ffaa

Seerri dhaabbii konkolaataa saa'atii 9 p.m. irraa eegala

Graphic of day 1 snow emergency parking rules.

Konkolaataa dhaabuu kan dandeessan: 

  • Gama lamaanuu kan daandii paarkii fi karaawwan 'Snow Emergency Routes' hin taane irra

Konkolaataa dhaabuu kan hin dandeenye:

  •  Yeroo Hatattama Cabbii  karaa gama lamaaniitiin. Cabbii Taraguu dursee daandiiwwan kunneen ni qulqulleessa. Daandiiwwan kun erga guutummaatti qotamaniin booda irra dhaabuu dandeessu.

Daandiin tokko Hatattama Cabbii ta'uu isaa akkamitti adda baafachuun danda'ama

Daandiin tokko guutummaatti qotamuu isaa akkamitti adda baasuun danda'ama

Daandiin tokko daandii dhaabbii konkolaataa ta'uu isaa akkamitti adda baasuun danda'ama

Guyyaa 2ffaa

Seerri dhaabbii konkolaataa sa’aatii 8 a.m. irraa eegala

Graphic of day 2 snow emergency parking rules.

Konkolaataa dhaabuu kan dandeessan:

  • kallattii daandii hir'uu kan  daandiiwwan Hatattama Cabbii hin taane irra. Gamni daandii hiruu kun teessoo lakkoofsa hruu ta'eetiin xumuramu qaba. Fakkeenyaaf: 1247 Maple St. ykn 2561 18th Ave.
  • Gama lamaan daandiiwwan  Hatattama Cabbii irra

Konkolaataa dhaabuu kan hin dandeenye:

  • Daandiiwwan kallattii guutuu kanneen  Hatattama Cabbii  hin taane irra. Daandiiwwan kanneen kallattii guutuu ta'an,  teessoo daandii  lakkoofsota 'even' ta'aniin xumuramu qabu. Fakkeenyaaf: 1238 Oak St. ykn 2574 Cedar Ave.
  • Kallattii lamaanuu kan daandiiwwan  paarkii irra

Daandiiwwan kana irratti erga guutummaatti qotamee booda konkolaataa dhaabuu dandeessu. Sa'aatii 8 p.m. - 8 a.m. konkolaataa keessan gama 'odd' irraa gara gama 'even' sochoosaa. Seerri guyyaa 3ffaa sa’aatii 8 a.m. irraa eegala

Daandiin tokko Hatattama Cabbii ta'uu isaa akkamitti adda baafachuun danda'ama

Daandiin tokko guutummaatti qotamuu isaa akkamitti adda baasuun danda'ama

Akkaataa daandiiwwan kallattii hir'uu ykn guutuu ta'an argachuun danda'amu

Daandiin tokko daandii dhaabbii konkolaataa ta'uu isaa akkamitti adda baasuun danda'ama

Guyyaa 3ffaa

Seerri dhaabbii konkolaataa sa’aatii 8 a.m. irraa eegala

Day 3 snow emergency parking rules

 

Konkolaataa dhaabuu kan dandeessan:

  • Kallattii daandiiwwan Hatattama Cabbii  hin taane kallattii guutuu ta'e irra. Kallattiin daandii guutuu  teessoo lakkoofsa guutuu ta'een xumuramu qabaata. Fakkeenyaaf: 1238 Oak St. ykn 2574 Cedar Ave.
  • Gama lamaan Daandiiwwan Hatattama Cabbii irra
  • Kallattii lamaan daandiiwwan paarkii irra

Konkolaataa dhaabuu kan hin dandeenye:

  • Kallattii daandiiwwan Hatattama Cabbii  hin taane kallattii 'odd'  ta'e irra. Kallattii daandii ir'uu  teessoo lakkoofsa hiruu  ta'een xumuramu qaba. Fakkeenyota: 1247 Maple St. ykn 2561 18th Ave. Erga guutummaatti qotamee booda  daandiiwwan kana irra konkolaataa dhaabuu dandeessu.

Daandiin tokko Hatattama Cabbii ta'uu isaa akkamitti adda baafachuun danda'ama

Daandiin tokko guutummaatti qotamuu isaa akkamitti adda baasuun danda'ama

Akkaataa daandiiwwan kallattii hir'uu ykn guutuu ta'an argachuun danda'amu

Daandiin tokko daandii dhaabbii konkolaataa ta'uu isaa akkamitti adda baasuun danda'ama

Daandiiwwan guutummaatti qotaman irra konkolaataa dhaabuu

  • Guutummaatti xaragamuu jechuun daandii guutummaatti cabbii irraa qulqullaa'ee fi hanga danda'ametti bal'inaan qotame jechuudha.
  • Yoo  rakkoon Hatattama Cabbii ammayyuu kan jiru ta'ullee daandii guutummaatti qotame irra konkolaataa dhaabuu ni dandeessu.
  • Konkolaataa dhaabuu keessan dursa daandichi hanga danda’ametti bal’inaan qotamuu isaa mirkaneeffadhaa. Gareen hojjetootaa yeroo tokkoo ol daandii  irratti bu'uu danda'u. 

Daandiiwwan dhaabbii konkolaataa(Parkways)

Kaartaa daandii akka "parkways" itti dirqisiifaman ilaalaa.

Kaartaa daandii paarkii Minneapolis ilaali

Guyyaa 1ffaa kan qotame:

  • 46th St. E. (Cedar Ave. S. to Longfellow Ave. S.) 
  • Main St. SE (Hennepin Ave. E. to Third Ave. SE)

Guyyaa 2ffaa kan qotame:

  • First St. S. (21st Ave. S. to River Parkway W.)
  • 22nd Ave. S. (Nokomis Pkwy. E. and Minnehaha Parkway E.)
  • 26th Ave. N. (Theodore Wirth Parkway to Vincent Ave. N.)
  • Fourth St. S. (21st Ave. S. to River Parkway W.)
  • 53rd St. E. (Nokomis Parkway E. to Woodlawn Blvd.)
  • Fifth St. NE (St. Anthony Parkway to Columbia Parkway)
  • Bde Maka Ska Blvd. (W. 32nd St. to Excelsior Blvd.) – formerly Calhoun Blvd.
  • E. Bde Maka Ska Parkway – formerly Calhoun Parkway E.
  • W. Bde Maka Ska Parkway – formerly Calhoun Parkway W.
  • Cedar Lake Parkway
  • Columbia Parkway
  • Dean Parkway
  • Derby Ave. (Woodlawn Blvd. to Nokomis Parkway E.)
  • Emerson Ave. S. (Kenwood Parkway to Dunwoody Blvd.)
  • Godfrey Parkway
  • Humboldt Ave. S. (Minnehaha Parkway W. – north and southbound)
  • Kenwood Parkway
  • Kings Highway (Lake Harriet Parkway E. to Dupont Ave. S. and 46th St. W. to 36th St. W.)
  • Knox Ave. S. (the Mall to Lake of the Isles Parkway E.)
  • Lake Harriet Parkway E.
  • Lake Harriet Parkway W.
  • Lake of the Isles Parkway E.
  • Lake of the Isles Parkway W.
  • Linden Hills Blvd. (Lake Harriet Parkway W. to William Berry Dr.)
  • Memorial Parkway
  • Minnehaha Parkway E.
  • Minnehaha Parkway W.
  • Nokomis Parkway E.
  • Nokomis Parkway W.
  • Ridgeway Parkway NE
  • River Parkway E.
  • River Parkway W.
  • Roseway Rd. (Lake Harriet Parkway E. to Kings Highway)
  • South Minnehaha Park Dr. (54th St. E. to Godfrey Parkway)
  • St. Anthony Parkway
  • Stinson Parkway
  • The Mall (Knox Ave. S. to cul-de-sac near Hennepin Ave. S.)
  • Theodore Wirth Parkway
  • Veterans Home Rd. (Godfrey Parkway to MN Vets Home)
  • William Berry Dr. (Lake Harriet Parkway W. to Richfield Rd.)

Guyyaa 3ffaa

Daandiiwwan dhaabbii konkolaataa qotaman hin jiran.

Kallattii hir'uu ykn guutuu daandichaa akkamiin argachuun akka danda'amu

Teessoo isaa ilaalaa

Kallattii daandii tokko 'odd' ykn guutuu ta’uu isaa  adda baafachuuf malli salphaan teessoo daandii gamoowwanii ilaaluudha.
 
Kallattii  guutuu ta'e
Yoo teessoon lakkoofsaa xumurri isaa  guutuu ( 0, 2, 4, 6, 8) ta'e,  gamoon sun kallattii 'even' ta’een argama jechuudha
Fakkeenyaaf: lakkoofsa teessoo manaa: 1356 Maple ykn 2512 17th Ave.).
 
Kallattii  'Odd' ta'e
Yoo teessoon lakkoofsaa xumurri isaa 'odd' ( 1, 3, 5, 7, 9) ta'e, gamoon sun kallattii 'Odd' ta'een argama jechuudha. 
Fakkeenyaaf: lakkoofsa teessoo manaa: 1359 Maple ykn 2513 17th Ave.).
 

Teessoon  ilaalamu hin jiru

Yoo gamoowwan daandii gubbaa kan hin jirre ta'an, kallattiin kan 'odd' ykn 'even' isa kam akka ta'e beekuun rakkisaa ta'a.
 
Gorsi keenya osoo konkolaataa hin dhaabin dura kallattii inni kam 'even' ykn 'odd' akka ta'e, warra ollaa ykn abbootiin qabeenyaa akka isiniin  beeksisaniif gaafachuudha. Waa'ee daandii murtaa'aa ta'e tokkoo gaaffii yoo qabaattan, haala bilisa ta'een nu qunnamaa.

Akkaataa daandiin Hatattama Cabbiinow ittiin adda baasan

Mallattoolee 'Snow Emergency Routes'

Daandiiwwan Hatattama Cabbii ta'an mallattoo Hatattama Cabbii diimaa fi mallattoo maqaa daandii kan halluu cuquliisaa qabu.

Snow Emergency route sign Blue street sign

Street lookup map

Akkasumas 'Snow Emergency Routes' ilaaluuf Kaartaa 'Street Lookup Map' fayyadamuu dandeessu. Kaartaan kun teessoon sakattaʼamu  yoo hin jiraanne kallattii daandii isa kamtu 'even' ykn 'odd' akka taʼe adda baafachuuf isin gargaaruu dandaʼa. (311 kana irrattis gargaaruu danda’a.)

Street lookup map

Mallattoolee daandiiwwan Hatattama Cabbii kan hin taane

Daandiiwwan Hatattama Cabbii kan  hin taane mallattoolee maqaa kan daandii magariisa  ta'e ykn kan biraawoniin itti makame qabu. 

 

Contact us

Minneapolis 311

Hours

7 a.m. – 7 p.m.
Monday – Friday

See list of City holidays