Fooyya’iinsa imaammata Poolisii

Hawaasa waliin walitti dhufeenyi Poolisii akka fooyya’uuf hojjechaa jirra. Dabalataanis, miseensota hawaasaa tajaajillu waliin amanamummaa qabnu guddisuu barbaanna.

Ilaalcha waliigalaa

Kaayyoon keenya:

  • Gudina magaalattiif danqaawwaan qulleessuu
  • Fooyya’iinsa poolisii gadi fagoo bu’uuressuu

Kaayyoo kana galmaan ga’uuf, poolisiiwwanii fi muuxannoowwan nuti qopheessinu:

  • Itti gaafatamummaa cimsuu
  • Walitti dhufeenya poolisii fi hawaasummaa fooyyessuu
  • Haala danqaa guddinaa Isteetaa fooyyeessuuf shariikota keenya kanneen seera baasan waliin  hojjechuu

Poolisiiwwanii fi muuxannoowwan  haaraa uumuudhaaf, kan nuti hojjennu:

  • Hawaasicha waliin
  • Abukaatoo waliin
  • Ogeessota waliin

Bara 2020 keessa fooyya’iinsa Dipaartimentii Poolisii Minneapolis (MPD) wajjin kan walqabate fooyya’iinsa hedduu geggeessanii jiru. Isaanis kan isaan of keessatti haammatan:

  • Adeemsa namuusaa haaraa ta’e
  • Poolisiiwwan haaraa kan kaameraa uffata irratti qabanii
  • Ulaagaalee haarawaa kan fayyadama poolisii humnaa fi gabaasaa
  • Ragaa barreeffamaa fi barbaacha kan beeksisaan alatti seenuu (no-knock)

Jijjirama dabalataa kan fooyya’insa poolisii waliin walqabatan:

  • Ajaja Ittisa Dipaartmentii Mirga Dhala Namaa Minnesotaa
  • Adeemsa Haqaa
  • Fooyya’iinsa waggaa darbee

Adeemsa Naamuusaa

Adeemsa naamuusaa kan MPD gamaaggamuuf, Kantiibaa Frey fi Ajajaan  Arradondo waliin shariikummaadhaan kan hojjete:

  • Waajjira Abukaattoo Magaalaa
  • Dipaartimentii Mirga Sivilii

Kaayyoon isaanii:

  • Itti gaafatamummaa guddisuuf
  • Qorannoo amalaf udhatama hin qabne fooyyesuuf
  • Carraa murtoowwan naamuusaa eeguu dabaluuf

Akkaadeemsa haaraatti, magaalichi kan armaan gadii godha:

  • Abukaattoo magaalaa qorannoo poolisii kan amala fudhatama hin qabnee dura kaa’uu. Abukaattoon kan gochuu qaban: 
    • Naannoowwan qorannoo haaraa ta’an hordofuuf hundeessuu
    • Ragaawwan argaman qorachuu
  • Waqtii Murtoowwan Naamuu saatti ajajaa kanaaf gorsi seeraa akka laatamuuf abukaattoo kan magaalaa ramaduu.
  • Waajjira abukaattoo magaalaa keessaa, hojjetoota MPD kutaa leenjii keessa kaa’uu.  Meeshaaleen leenjii kun hojiiirra osoo hin oolfamin dura hojjetoonni ni gamaaggamu.

Poolisiiwwan kaameraa uffata irratti qabanii

A body worn camera attached to a police officer's shoulder

Kantiibaa Frey fi Ajajaan poolisii Arradondo, waa’ee kaameraawwan uffata irratti qaban jabeeffamuu irratti imaammata aangawaa poolisii beeksisee jira. 

Kaayyoon isaanii:

  • Itti gaafatamummaa fooyyessuuf
  • Iftoomina fooyyessuuf
  • Amanamummaa fooyyessuuf

Poolisiiwwan haaraan:

  • Gabaasni poolisii taatee tokkoo osoo hin xumuramin dura poolisooti qooda keessaa qaban keessa deebii waraabbii kaameeraa akka hin ilaalle dhorkuu
  • Dipaartmentiin kun haala fooyya’aa ta’een akka qabatuuf hayyamuu:
    • Hubannoo kan aangawaa
    • Sababoota itti amanaman yeroo tarkaanfii poolisootaatti
  • Iddicha irraa quunnamtii ariifachiisaa jiru ilaalchisee to’attootaaf qajeelfama ifa ta’e dhiheessuu
  • Gabaasa taasisuuf ulaagaalee yeroo ibsuu

Fayyadama poolisii humnaa fi ulaagaalee gabaasaa

Kantiibaa Frey fi  Ajajaan Arradondo waa’ee jijjiirama guutuu kan fayyadama MPD beeksisee jira. 

  • Imaammata fayyadama humnaa
  • Ulaagaalee gabaasa gochuu

Imaammata haaraa kan fayyadama humnaa:

  • Poolisoota kan inni gaafatu:
    • Akka isaan dhimma tokko nageenyaan hirmaachuu kan isaan barbaachisu humna gadi aanaa fayyadaman
    • Humna cimaa osoo hin fayyadamin dursa filannoo sababa ga’aa qabu hunda irratti yaaduu
  • Sodaachisa humnaa akka gosa fayyadama humnaa keessaa isa tokkootti of keessatti qabata
  • Dhorkaawwan:
    • Amala kakaasuu ykn kan caalmaatti haala jiru hammeessu
    • Konkoolaattota imala irra jiran itti dhukaasuu

Ulaagaaleen gabaasaa inni haaraan kan inni gaafatu:

  • Poolisoonni akkamittiin fayyadama kan humnaa akka gabaasan ibsa dabalataa fi odeeffannoo addaa
  • Gabaasa kan poolisii hundumaa keessatti odeeffannoo galmee yaalii guddisuu

Ragaa barreeffamaa fi barbaacha kan beeksisaan alatti seenuu (no-knock)

Poolisii keenya haaraa kan ragaa barreeffamaa fi barbaacha  kan beeksisaan alatti seenuu(no-knock):

  • Adeemsaa fi waanta in ta’a jedhamee eegamu ibsa
  • Amma qaama seera magaalaa ti

 Kantiibaa Frey poolisii MPD keessatti yeroo jalqabaatiif ragaa barreeffamaa fi barbaacha kan beeksisaan ala yeroo jalqabaatiif Sadaasa 2020 keessa haasofsiisan

Ulaagaalee kanneen haaraa:

  • Osoo hin seenin dura ajajaan beeksisa sirriitti beeksisuu akka qabu
  • Aangawoonni keenya iftoominaa fi itti gaafatamummaa akka qabaatan hayyammuu
  • Hawaasaaf tilmaama ifa ta’e dhiheessuu

Jijjiirama kaayyoo poolisii kanaa :

  • Nageenya aangawootaa fi kan warra siivilii dabaluu
  • Poolisii fi siivilii gidduutti walitti bu’iinsa akka tasaa ykn kan itti yaadame ta’u yarsuu

Adeemsa haqaa

Kaka’umsi Biyyaalessaa kan Amanamummaa fi Haqa Hawaasaa Ijaaru kun MPD akka buufata Paayileetiitti filatee jira. Geggeessummaa Ajajaa Arradondo jalatti, MPDn hojii adeemsa haqaa eegale.

Hojjetoonni MPD kanneen kakatanii fi kan hin kakatin hundinuu kan isaan keessatti leenjifaman: 

  • Theory Adeemsa Haqaa
  • Harka lafa jalaatiin dhiibbaa taasisuu
  • Miidhaa sammuu

Waayee adeemsa haqaa dabalataan baraa

Waajjira kan Gamaaggama Amal Poolisii

 Waajjira Gamaaggama Amalaa Poolisii (OPCR) kun himannaa rakkoo naamuusa poolisii dhaabbata gamaaggamuu dha.

Mul’anni OPCR kun:

  • Walitti dhufeenya aangawoota poolisii fi hawaasicha gidduutti ta’u keessatti jijjiirama aadaa murteessaa kan posatiivii ta’e uumuuf
  • Kabaja waliinii fi gara laafummaa cimsuu fi tursuuf

Odeeffannoo OPCR agarsiisuu

Gochaawwan dabalataa kan fooyya’iinsa poolisii wajjin wal qabate

Qorannoo kan Isteetaa fi ajaja kan dhorkamaa

Waxabajji 3, 2020 irra, Dipaartmentiin Mirga Dhala Namaa, Depaartmentiin Poolisii Minneapolis (MPD) irratti qorannoo eegale.

Qorannichis:

  • Ajjeechaa George Floyd wajjinwalqabatee himannaa mirga siivilii
  • Poolisiiwwan MPD, adeemsaa fi gochaawwan kan waggoota 10 ilaaluu.
  • MPD bifa kan namootaa bu’uureffachuudhaan yoo gochaa namoota tooftaadhaan addaan baasuu irratti hirmaannaa kan taasise ta’e ilaaluu.

Kantiibaa Frey fi Manni Murtii Magaalichaa qorannoo kana ni deggera.

Waayee Muummee Qorannoo Mirga Dhala Namaa Minnesota Dubbisaa.

Police license plate

Waajjira Gamaaggama Amala Poolisii

Waajjira Poolisii kan Gamaaggama Amalaa (OPCR) kun himannaa kan ragaan irratti hin dhiyaatin kan poolisii magaalichaaf dhiyaate naamuusa sirrii hin taane qorata.

DataSource logo

Madda Odeeffannoo DataSource Qorachuu

Fakkiiwwanii fi ‘dashboards’ kan Magaalaa Minneapolis ilaaluu fi barbaaduudhaaf Madda Odeeffannoo DataSource daawwadhaa.

Dashboard walfakkaatoo:

Contact us

Mayor's Office

Address

City Hall, Room 331
350 S. Fifth St.
Minneapolis, MN 55415

Office hours

8 a.m. – 4:30 p.m.
Monday – Friday

Connect with the Mayor

 Facebook

 Twitter

Office of Police Conduct Review

Phone

612-673-3012

Address

City Hall
350 Fifth St. S.
Room 239
Minneapolis, MN 55415

Office hours

8:30 a.m. – 4:30 p.m.
Monday – Friday