Filannoowwan Poolisii Deebiikennuuf

Waamicha bilbilaa kan rakkoo, addumaan bilbila fayyaa kan sammuutiif deebii kenninu babal’isuudhaaf daandii haaraa qopheessaa jirra.

Ilaalcha waliigalaa

Deebiin waamicha bilbila magaalaa kan yeroo rakkinaatiif kennamu, fedhii jiraattota hundumaa akka guutuuf fooyya’uu qaba. Odeeffannoon jiraattota kanneen Gurraacha, Dhalataa biyyaa, fi Namoota Bifaan adii hintaane (BIPOC) akka agarsiisutti:

  • Jiraattota Minneapolis keessaa 37% kan ta’an BIPOC bakka bu’u.
  • Jiraattota BIPOC keessaa 52% kan ta’an bilbila rakkoo fayyaa sammuun walqabate godhu.

Sagantaan paayletii nuti qopheessaa jirru:

  • Bilbila rakkoo fayyaa sammuutiif deebii addaa kennuu
  • Bilbila rakkoo fayyaa sammuu gamaaggamuuf warra waamicha bilbilaa deebisan leenjisuu
  • Ogeessota fayyaa sammuu dipaartmentii 911 keessa kaa’uu
  • Hawaasa BIPOC fi jiraattota hundaaf bahii fayyaa sammuu fooyya’aa ta’e dhiheessuu

Dhimmoota tokkoo tokko karaa gabaasa online ykn 311 keessummeessuu eeggalla.Yammuu namoonni dhimma kana kamiin iyyuu gabaasuuf bilbilanitti gabaasa karaa online akka taasisaniif ykn 311 irratti akka bilbilaniif kan isaan hubachiifnu ta’a. 

  • Miidhama kan qabeenyaa
  • Gabaasa kan hannaa
  • Rakkoo kan bakka dhaabbii konkolaataa
  • Gabaasa kan biroo- bilbila qofaan

Rakkoo fayyaa sammuu gabaasuu

Minneapolis keessatti yoo rakkoo fayyaa sammuu kan qabdan ta’e, itti fufiinsaan bilbiluu dandeessu:

  • 911
  • Gumii rakkoo ‘Cope mobile, Hennepin County’ keessatti:

Waa’ee tajaajila gumii rakkoo ‘Cope mobile’ dubbisuu

Bara 2021 keessa, waamicha yeroo rakkinaatiif gumii fayyaa kan sammuu lamatu 24/7 argama: kana jechuun:

  • Rakkoo fayyaa sammuu ilaalchisee bilbila jalqabaatiif Poolisiin deebii kennuu hin danda’u.
  • Yoo gumiin fayyaa sammuu lamaanuu waamicha kan bilbilaa irraa kan jiran ta’e poolisiin deebii kennuu danda’a.

Bara 2022 keessa rakkoon deebii fayyaa sammuu jijjiiramuu danda’a. Paayiletiin sagantaawwan fayyaa bara 2021 keessa tarkaanfii itti fufiinsaa kan beeksisu ta’a. 

Qabeenya hatame ykn miidhame gabaasuu

Qabeenya hatame ykn miidhame gabaasuudhaaf, kan armaan gadii gochuu dandeessu:

Sagantaawwan deebii haarawaa

Paayiletii 1-Gumii deebii rakkoo fayyaa sammuu kan ‘mobile’ ta’an fayyadamuu

We have funded four pilot programs for 2021.

Kan Poolisii kan hin taane gumiin deebii laatan rakkoo fayyaa sammuu kan yeroo muddamaatiif deebii ni laatu. Gumiiwwan kunneen qaama dhiheessii kunuunsa fayyaa sammuu taasisanii fi EMT/EMS of keessatti qabachuu danda’a.

Kaayyoon sagantichaa:

  • Namoota rakkoo sammuu qaban filannoodhaaf gara poolisiitti dhiheessuu.
  • Fedhiiwwan gamaaggamuudhaan kunuunsaa fi deggersa taasisuu.
  • Hospitaala keessaa ciisuu kan barbaachisaa hin taane fi himannaa yakkaa hambisuu.

Paayiletii 2 – Gamaaggama fayyaatiif bilbila gara 911 bilbiluu shaakalchiisuu

Warri bilbila 911 deebisan, erganii fi to’attoonni muraasni, leenjii waa’ee ergaa fayyaa sammuu ni fudhatu. Deebii warra kennan hundumaa utuu hin leenjisin muuxannoo isaanii ni gamaaggamna.

Kaayyoon sagantichaa:

  • Namoonni bilbila 911 deebisan, hubannoo ga’aa barbaachisu waa’ee fayyaa sammuu ilaalchisee akka qabaatan taasisuu.
  • Ergaa bilbilaa akkamiin gara gumii deebii laataniitiin akka gahamu.
  • Fayyaa sammuu fi dhimmaa amalaa ilaalchisee Odeeffannoo qulqullina cimaa qabu kennuu.

 

Paayiletii 3 – Ogeessota fayyaa sammuu 911 keessa galchuu

Ogeessonni fayyaa sammuu lama dhimma bilbila fuuchuu fi ergaa dabarsuu irratti xiyyeefatan kan isaan hojjetan:

  • Fayyummaa sammuutiif dursa kennuu fooyyessuu
  • Dipaartimentii poolisii irraa waamicha kan bilbilaa naannessuu
  • Waamich bilbilaa kan fayyaa sammuutiif deebii filatamaa kennuu

Kaayyoo sagantichaa:

  • Bilbila poolisii 911 irraa waa’ee fayyummaa sammuutiif bilbilamu naannessuu. 
  • Nama rakkina keessa jiruuf dhiheessii sirrii addaan baasuu.
  • Sadarkaa olaanaadhaan dursa kennuu fooyyessuu.

Paayiletii 4- Poolisii kan hin taane hojjetoonni magaalaa; hannaa fi miidhaa qabeenyaa irra ga’e ilaalchisee akkaataa gabaasa taasisuu fi ragaa sassaabuu leenjisuu

Hojjetoonni magaalaa, jiraattota Minneapolis irraa gabaasa qabeenyaa hatamee fi miidhamee kan fudhatan yoo ta’u:

  • Hojjetoonni aangawoo waadaa seensisan miti. 
  • Itti gaafatamummaan kun ejjennoo amma mul’atu jala ykn qaama ejjennoo isa haaraa ta’uu danda’a.

Kaayyoo sagantichaa:

  • Qabeenyaa hatame ykn miidhame ilaalchisee gabaasa dhiyaateef qaamaan dhiyaatanii carraa deebii laachuu mijeessuu.
  • Yeroo qajeelcha  poolisii bilisa taasisuu.

Gabatee yeroo

Amajjii-Ebla

Fuula Karooraa (ji’oota 3-4)

Sagantaawwan paayiletii akkamitti akka hojjetanii fi shariikonni isaan kam akka keessatti hirmaatan ni murteessina.

Eblaa-Fulbaana

Fuula Paayiletii (ji’oota 4-6)

Sagantaawwan paayiletii akkamitti akka hojjetanii fi sirreeffama akkamii hojjechuu akka qabnu ilaalla. Inni kunis sirreeffama kan biroo hedduuf kan fayyadu ta’a. Fuulli kun erga xumurameen booda gumiin fayyaa sammuu hojii isaanii itti fufu.

Hanga Onkoloolessaa

Fuula gamaagamaa: (Ji’oota 1-2)

Gamaaggama idilee xumuruudhaan yaada gorsaa kan xumuraa dhiheessina.

Sadaasa 2021

Gabaasa Mana Maree Magaalaa

Karoora bara 2022 keessatti qabnu ibsina.

Gabatee yeroo darbanii

Mudde 202

Daggersa Fandii kan mirkanaa’e

Kantiibaa fi Manni Maree Magaalaa isaan kanaaf deggersa fandii mirkaneessan:

  • Paayiletii
  • Filannoo qorannoo moodeloota deebii kan:
    • Bilbila rakkoo fayyaa sammuuf
    • Gabaasa –bilbila qofaan
Sad 2020

Yaada gorsaa kennuu

Waajjirri Raawwii fi Kalaqaa sammuu kan kenne:

  • Yaada Gorsaa
  • Moodeloota filannoo deebii kan gara fuula duraatti fuula paayiletii irratti deemu ta’uu akka qabu
Hagaya 2020

Karoora qu’annoo fi moodela xumuramee qopheessuu

Waajjirri Raawwii fi Kalaqaa:

  • Qu’annoo hawaasaa xumuree jira
  • Filannoo deebiitiif moodeliin karoora hawaasaa qopheessuun eegalameera:
    • Bilbila fayyaa sammuu
    • Gabaasa –bilbila qofaan
Mudde 2018

Manni Maree Magaalaa qajeelfama laate

Manni Maree Magaalaa Waajjira Qindeessaa Magaalichaa gorsa gaafatee jira. Gaaffii isaaniis, naannoowwan magaalichi  deebii  poolisii kan hin taane itti qorachuu qabu adda baasuuf

Hagaya 2019

Gumii hojii gurmeessuu

Gumii hojii kan gurmeessineef :

  • Odeeffannoo gamaaggamuuf
  • Filannoo kan deebii gosa bilbila akkamiif deebisuu akka qabnu qorannoo taasisuun murteessuudhaaf
Mudde 2018

Manni Maree Magaalaa qajeelfama laate

Manni  Maree Magaalaa Waajjira Qindeessaa Magaalichaa gorsa gaafatee jira. Gaaffii isaaniis, naannoowwan magaalichi  deebii  poolisii kan hin taane itti qorachuu qabu adda baasuuf

Sagantaa Paayiletii ammayyoomsuu

Magaalicha keessatti sagantaa paayiletii ammayyoome waggaa guutuu ifatti kan dhiheessinu:

  • Mala To’annaa Odeeffannoo Seera Baasuu (LIMS)
  • Chaanelii ‘YouTube’

LIMS ilaalaa

Chaanelii ‘You Tube’Minneapolis ilaalaa

Ammayyoomsuun kanneen armaan gadii of keessatti qabata:

  • Yaalii sagantaa paayiletii
  • Gabaasa waa’ee safartuuwwanii, argannoo fi barnootaa
  • Barnoota paayiletii irratti hundaa’uudhaan sirreeffama taasifnu

 

Waa’ee deebii gumiiwwan fayyummaa sammuu

Gumiiwwan akkamiin akka jiraattota waliin wal quunnaman

Miseensi Gumii ta’uu kan kan qaban:

  • Akk abbaa sanatti itti dhaga’amuu
  • Namoota rakkoon isaan mudate akka yakkamaatti osoo hin taanee akka dhala namaatti kunuunsuu
  • Waa’ee isaan kanaa ilaalchisee leenjii bal’aa fudhachuu:
    • Gidduu seenuu rakkoo fayyaa sammuu
    • Mala ittiin caalmaatti akka hin babal’anneef ittisan
    • Muuxannoo sammuu namaa jeequ/Trauma
    • Sanyii fi kan koorniyaa

Gumiin kun kan inni dhiheessu

  • Namoota rakkina keessa jiraniif deggersa gorsaa fi yaalii fayyaa
  • Quunnamtii kan tajaajilawwan kennaman tumsu

Yeroo qaamaan deebiin kennamutti, gumiin kun:

  • Meeshaa qabachuu kan hin qabnee fi yarsanii uffachuu
  • Nama rakkina keessa jiru fedhii hatattaamaa inni barbaadu guutuuf kan gargaaru dhiheessii qabaachuu.

 

Gosa bilbilaa kan gumiiwwan deebii itti kennan

Taateewwan nama miirri isaa jeeqamee (EDP) .Gumiiwwan rakkoo fayyaa sammuu ‘mobile’ ta’an taateewwan EDP tiif deebii laatu.

Akka sagantaawwan paayiletii banamaniin, deebiiwwan kan biroo yeroo qophaa’anitti bilisaan kan isiniif qoodnu ta’a.

Deebii Bilbilaa kan rakkoo bara 2021 duraa

Seenaa keessatti

Yeroo darbanitti rakkoowan turaniif deebii kennuudhaaf, Poolisii Dipaartmentii Minneapolis irratti hirkatoo turre.

Bara 2018 irraa eegalee

Bilbila 911 deebisuudhaaf qorannoo akka taasisaniif, geggeessitoonni magaalaa gumii hojjetootaa uuman. Bara 2018 irraa eegalee, ce’umsa kana keessatti Qindeessaan Waajjira Raawwii Hojii fi Hojii umuu (OPI) kan Magaalaa, haala kana keessatti magaalicha geggeessaniiru.

Bara 2020 keessa

  • OPI filannoowwan poolisiidhaaf deebii laatan, gamaaggama kan hawaasa giddu-galeessa godhate eegale.
  • Manni Murtii Magaalichaa yaada gorsaa hedduu mirkaneesseera.

Ce’umsa Nageenya Hawaasaa fi karoora Hirmaannaa ilaalaa

Galma Karoorfame:

  • Jiraattotaaf dhiheessii sirrii yeroo sirrii ta’etti dhiheessuu
  • Qabeenya magaalaa jiran fayyadamuuf
  • Qabeenya hawaasaa gargaaramuu

Bara 2021 keessa

Hojii kana irratti dhiheessitoonni hawaasaa jiran akka isaan itti fufiinsaan shariika ta’an ni barbaanna:

  • Kanneen armaan gadii dabalachuudhaan, filannoo garaa garaa yaaluu dandeenya:
    • Tajaajila yaalii fayyaa kan yeroo muddamaa waliin dhiheessii fayyaa sammuu, akkasumas tekinishaanota yaalii fayyaa kan yeroo muddamaa waliin hayyama kanneen qaban waliin shariikummaa uumuu.
    • Hawaasa ittisa yakkaa/ violence prevention community navigators waliin shariikummaa uumuu.

 

 

  • Dhiheessii filatamaa kan dhiheessan argachuuf, akkasumas gamaaggamuudhaaf, adeemsa gaafannoo kan yaadaatiif (RFP) gaaffiilee dorgomsiisoo ta’an gargaaramna.
  • Adeemsa walqixxummaa mirkaneessuu barbaanna. Kana gochuufis, adeemsa bittaa waantotaa ilaalchisee dhiheessitoonni yaada gorsaa akka laataniif gaafachaa jirra.

DataSource logo

Madda Odeeffannoo Qorachuu

Fakkiiwwanii fi ‘dashboards’ kan Magaalaa Minneapolis ilaaluu fi barbaaduudhaaf Madda Odeeffannoo Daawwadhaa.

Dashboard walfakkaatoo

Contact us

Office of Performance & Innovation

Address

City Coordinator's Office
350 Fifth St. S.
Room 301M
Minneapolis, MN 55415

Office hours

8 a.m. – 4:30 p.m.
Monday – Friday

Minneapolis 311

Hours

7 a.m. – 7 p.m.
Monday – Friday