Gaari-dhigashada Muhimka ee Qaboobaha

Hel meel aad baabuurka dhigato marka lagu dhawaaqo gurmad barafka looga xaaqayo wadooyinka si aan gaariga lagaaga jiidin laguuna ganaaxin. Faahfaahin dheeraad ah waxaad ka heli kartaa nuqulkaan magaal
 

Sardamni Cabbii Maali?

Yeroo cabbii hedduun bu'utti daandii fi bikka konkolaataa dhaaban guutummaatti haxaa'uuf jecha magaalaan Minneapolis, Sardama Cabbii labsa.

Sardama Cabbii jedhamee kan beekamu kun, seera ifatti lafa kaa'amee jiru fi gurmuu karaa haxaawaniif cabbii bu'e guutummaatti haxaa'uuf mirga kan kennu dha. Cabbii karaa irra jiru cufa haxaa'uuf akka mijeessutti konkolaataan karaa irra dhaabuun hin danda'amu.

Hubannoo dabalaa yoo feete Snow Emergency parking rules a lafa konkolaataa dhaabanii kan jedhu laali.

Konkolata ji’ota cabbiin bu’u keessa harkisamu irraa olchi (pdf)

Sardama Cabbii labsuuf eenyutu mirga qaba?

Akka Danbiin Magaalaa jedhutti, Ajajaan Poolisii fi Maandisi Magaalaa (Geggeessaa Hujii Uummataa) Sardama Cabbii labsuuf dirqama qabu. Erga warra dalaga irra jiran fi qondaalota nageenya uummataa eegan wajjin marihatanii booda kana tolchuuf aangoon kan isaaniiti.

Sardamni Cabbii kun yeroo (sa'a) meeqatti labsama?

Yeroo, baayyinni, dheerinni fi haalli qilleensa dhufaa jiruu erga tilmamamee booda murtiin labsii laalu fudhatama. Haa taatuu, hanga sa'a 6 w.b. tti yoo Magaalaadhaa Sardamni Cabbii hin labsamne tahe, telefoonaan tahe karaa oduu addaa addaa waan kana qorachuuf dirqamni hin jiru. Magaalaan Minneapolis sa'a 6 w. b. booda Sardama Cabbii hin labsu. Cabbiin bu'ee haalli isaa yoo feesisaa tahe, warri karaa haxaawan osoo Sardamni Cabbii illee hin labsamin galgala fi halkan san cabbii haxaa'uutti bobba'u. Haala akkanaatti, namuu ganama itti aanu fi guyyaa guutuu hanga sa'a 6 w. b. Sardamni Cabbii labsame fi hin labsamnee isaa qorachuu qabu.

Yoggaa cabbiin bu'utti guyyaa guutuu deddeebi'anii qorachuun hedduu feesisaa dha.

Yeroo tokko tokko, haalli isaa ifaa yoggaa tahutti Sardamni Cabbii guyyaa san labsamee seerri konkolaataa akkaataa itti dhaabanii galgala san yeroo 9 w. b. tii ka'ee hujii irra oola. Yeroo biraa immoo murtiin kan tahu takka tureeti.

Gaafa labsii Sardama Cabbii sa'a 6 w. b. dura bahuu hanqatutti warri karaa haxaawanii, cirracha fi ashaboo firfirsan dalaga isaanii itti haa fufan iyyuu malee uummataaf yeroo gahaan waan hin kennaminiif guyyaa san labsi Sardama Cabbii hin bahu.

Sardamni Cabbii Labsame fi hin Labsamnee isaa akkamiin ani Bara?

Yoo Minneapolis keessa jiraatta tahe ykn yeroo hedduu daandii magaalaa Minneapolis irra konkolaataa dhaabda tahe, haala qilleensaa laaltee Labsiin Sardama Cabbii baheera fi hin baanee baruun dirqama keeti.

Karaan kana itti tolchan hedduu dha.

Toorbelbeltuu sa'a 24 banaa taate kana bilbili:

Afaan Ingilizii

612-348-Snow (7669)

Hmong

612-673-2933

Spanish

612-673-3819

Somali

612-673-2141

TTY

612-673-2116

Komputera irraa e-mail laali

Kan magaalaa kan taate E-Mail Snow Alert kana irraa ibsa dhimma labsii Sardama Cabbii fi seera lafa konkolaataa dhaabanii argachuu ni dandeessa.

Ammas kan magaalaa kan taate ( Minneapolismn.gov) dhaqii laali.

Xurree Keebilaa 14, 79 ykn KBEM-FM (88.5 MHz) irraa soqi/caqasi.

Meeshaa sabquunnamtii ka akka -- raadiyo, televishena, gaazexaa irraas odeeffadhu.

Battala labsiin Sardama Cabbii bahetti, magaalaan Minneapolis toorbelbeltuu san, 348-SNOW (348-7669) dirree kompuuteraa fi xurree keebilaa 14 fi 79, ni haaressa, dhaamsa karaa e-mail alert warra galmaa'aniif ni dabarsa (bara kana dhaamsi gabaabaan warra karaa telefoona harkaa, karaa PDAs argachuu fedhaniif ni darba) akkasumas televiishena warra gurguddaa afran, dhaabiilee radiyoo 11 fi maxansitoota gaazexaa gurguddoo sadani tti ni dabra.

Contact us

 

Minneapolis 311

 
 

Office hours

7 a.m. – 7 p.m.
Monday – Friday